-
Ermiyaas 25:9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 ani maatiiwwan kaabaa hundumaatti,+ tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar* mootii Baabilonittis dhaamsa ergee,+ biyya kana irratti, jiraattota ishii irrattii fi saboota naannoo kanatti argaman hundumaa irratti isaan nan fida”+ jedha Yihowaan. “Haxaaʼee isaan nan balleessa, wanta sodaachisaa fi kan itti siiqsamu akka taʼan, akkasumas yeroo hundumaatiif ona akka taʼan isaan nan godha.
-
-
Ermiyaas 27:6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Ammas ani biyyoota kana hundumaa tajaajilaa koo kan taʼe Nebukadnezaar mootii Baabiloniif kenneera;+ akka isa tajaajilaniif bineensota bosonaa illee isaaf kenneera.
-
-
Hisqiʼel 29:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 “Kanaafuu, Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan akkana jedha: ‘Kunoo, ani biyya Gibxii Nebukadnezaar* mootii Baabiloniif nan kenna;+ innis qabeenya ishii ni fudhata, boojuu hedduus ishii keessaa ni fudhata, ni saamas; kunis gatii raayyaa waraanaa isaa ni taʼa.’
20 “‘Isaan anaaf jedhanii tarkaanfii waan fudhataniif, humna inni ishii* irratti dhangalaaseef ani biyya Gibxii akka beenyaatti isaaf nan kenna’+ jedha Yihowaan Gooftaa Ol Aanaan.
-