-
Daaniʼel 10:8-10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Sana booda kophaa koon hafe; yommuun mulʼata ajaaʼibsiisaa kana ilaalus humni koo na keessaa dhume, bifti koo inni ulfina qabeessi ni jijjiirame, cimina koos guutummaatti nan dhabe.+ 9 Achiis yommuu inni dubbatu sagalee isaa nan dhagaʼe; yommuun sagalee isaa dhagaʼu garuu adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na fudhate.+ 10 Achiis harki tokko na tuqe;+ innis jilbeenfadhee harka kootiin lafa qabadhee akkan kaʼu godhe.
-