-
2 Mootota 9:24Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 Yehuunis iddaa isaa futtaasee Yooraamiin gateettii isaa lamaan gidduu waraane; xiyyi sunis onnee isaa keessa baʼe; innis gaarii fardaa isaa keessatti kufe.
-
-
2 Mootota 10:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis inni, “Isin kan koo yoo taatanii fi anaaf ajajamuuf fedhii yoo qabaattan, boru yeroo kanatti Yezriʼelitti mataa ilmaan gooftaa keessanii naa fidaa” jedhee yeroo lammataatiif xalayaa isaaniif barreesse.
Yeroo kanatti ilmaan mootichaa 70ni namoota beekamoo magaalattii warra isaan guddisanii wajjin turan. 7 Akkuma xalayaan sun isaan gaʼeenis, isaan ilmaan mootichaa 70 fuudhanii gorraʼan;+ mataa isaaniis guuboo keessa kaaʼanii Yezriʼelitti isaaf ni ergan.
-
-
2 Mootota 10:23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
23 Achiis Yehuunii fi Yonaadaab+ ilmi Reekaab gara mana Baʼaalitti seenan. Innis waaqeffattoota Baʼaaliin, “Waaqeffattoota Baʼaal qofa malee, waaqeffattoota Yihowaa keessaa tokko illee akka as hin jirre of eeggannoodhaan ilaalaa” jedhe.
-
-
2 Mootota 10:25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Yehuun aarsaa gubamu sana dhiheessee akkuma xumureen, eegdotaa* fi ajajjoota raayyaa waraanaa sanaan, “Ol seenaatii isaan ajjeesaa! Namni tokko illee akka hin miliqne!”+ jedhe. Kanaafuu, eegdonnii fi ajajjoonni waraanaa sun goraadeedhaan isaan ajjeesanii alatti isaan darbatan; hamma mana qulqullummaa isa keessaa* isa mana Baʼaalitti argamuttis ol ni seenan.
-