- 
	                        
            
            2 Mootota 8:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Hazaaʼelis, “Gooftaan koo kan booʼu maaliifi?” jedhee isa gaafate. Innis deebisee, “Miidhaa ati namoota Israaʼel irratti geessistu waanan beekuufi.+ Iddoowwan isaanii warra dallaa dhagaa qaban ibiddaan ni gubda; namoota isaanii warra filatamoo taʼan goraadeedhaan ni ajjeesta; ijoollee isaanii lafaan dhooftee ni bubburuqsita; dubartoota isaanii warra ulfa taʼan garaa isaanii ni baqaqsita”+ isaan jedhe.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 18:16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
16 Kanaafuu inni, “Israaʼelonni hundi akka hoolota tiksee hin qabneetti gaarota irratti faffacaʼanii nan arga.+ Yihowaan, ‘Isaan kun gooftaa hin qaban. Tokkoon tokkoon isaanii nagaadhaan gara mana mana isaaniitti haa deebiʼan’ jedheera” jedhe.
 
 -