-
2 Mootota 9:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Ati mana Ahaab gooftaa keetii ni rukutta; ani dhiiga tajaajiltoota kootii warra raajota taʼanii fi tajaajiltoota Yihowaa warra harka Iizaabel irratti duʼan hundumaatiif haaloo nan baʼa.+ 8 Guutummaan mana Ahaab ni bada; Israaʼel keessaa warra gargaarsa hin qabnee fi warra dadhaboo dabalatee dhiira* kan Ahaab taʼe hunda nan balleessa.+ 9 Ani mana Ahaab akka mana Yeroboʼaam+ ilma Nebaatii fi akka mana Baʼaashaa+ ilma Ahiyaa nan godha.
-