-
2 Seenaa Baraa 18:8-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Kanaafuu, mootiin Israaʼel abbaa taayitaa mana mootummaa tokko waamee, “Mikaayaa ilma Yimlaa hatattamaan fidi” isaan jedhe.+ 9 Yeroo kanatti mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa uffata mootii uffatanii teessoo isaanii irra taaʼanii turan; isaan bakka oobdii balbala karra Samaariyaa duratti argamu irra taaʼanii turan; raajonni sun hundis isaan duratti raajii dubbachaa turan. 10 Yeroo kanatti Zedeeqiyaan ilmi Kenaʼaanaa ofii isaatiif gaanfota sibiilaa hojjetee akkana jedhe: “Yihowaan akkana jedha: ‘Hamma isaan balleessitutti wantoota kanaan warra Sooriyaa ni waraanta.’”* 11 Raajonni kaan hundis, “Raamot Giiliyaaditti ol baʼi; milkaaʼina ni argatta; Yihowaan harka mootichaatti dabarsee ishii ni kenna” jedhanii raajii wal fakkaatu dubbatu turan.+
-