LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Seenaa Baraa 18:28-32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 28 Kanaafuu, mootiin Israaʼelii fi Yoshaafaax mootiin Yihudaa gara Raamot Giiliyaaditti+ ol ni baʼan. 29 Mootiin Israaʼelis yeroo kanatti Yoshaafaaxiin, “Ani eenyummaa koo dhoksee gara waraanichaatti nan seena; ati garuu uffata mootii uffadhu” jedhe. Kanaafuu, mootiin Israaʼel eenyummaa isaa ni dhokse; isaanis gara waraanichaatti ni seenan. 30 Yeroo kanatti mootiin Sooriyaa, “Mootii Israaʼelii wajjin malee, xinnaas taʼe guddaa eenyu iyyuu wajjin wal hin waraaninaa” jedhee ajajjoota gaarii fardaa isaa ajajee ture. 31 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis Yoshaafaaxiin akkuma arganiin, “Mootiin Israaʼel isa kana dha” jedhanii yaadan. Kanaafuu, isa waraanuuf itti garagalan; Yoshaafaaxis gargaarsa argachuuf ni iyye;+ Yihowaanis isa gargaare; Waaqayyo yeruma sana isa irraa isaan deebise. 32 Ajajjoonni gaarii fardaa sunis inni mootii Israaʼel akka hin taane yommuu argan, yeruma sana isa ariʼuu dhiisanii deebiʼan.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi