-
1 Saamuʼel 9:6, 7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Tajaajilaan sun garuu deebisee, “Kunoo, namni Waaqayyoo ulfina guddaa qabu tokko magaalaa kana keessa jira. Wanti inni dubbatu hundis ni raawwatama.+ Amma achi haa dhaqnu. Tarii karaa kam irra deemuu akka qabnu nutti himuu dandaʼa” isaan jedhe. 7 Yeroo kanatti Saaʼol tajaajilaa isaatiin, “Dhaquu illee haa dhaqnu; garuu namichaaf maal fuunee dhaqna? Korojoo keenya keessa daabboon hin jiru; kennaa nama Waaqa dhugaa sanaaf kenninu tokko illee hin qabnu. Maal nuu wayya ree?” jedhe.
-