-
Keessa Deebii 3:13-16Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Kutaa Giiliyaad isa hafee fi guutummaa Baashaan isa bulchiinsa Oog taʼe immoo walakkaa gosa Minaaseetiif nan kenne.+ Guutummaan naannoo Argoob inni kan Baashaan taʼe biyya Refaayim jedhama ture.
14 “Yaaʼir+ ilmi Minaasee guutummaa naannoo Argoob+ hamma daangaa Geeshurotaa fi Maʼaakotaatti+ kan fudhate yeroo taʼu, gandeen Baashaan kanas maqaa ofii isaatiin Hawoot Yaaʼir* jedhee moggaase.+ Isaanis hamma harʼaatti maqaa kanaan waamamu. 15 Anis Giiliyaadiin Maakiiriif nan kenne.+ 16 Ruubenotaa fi Gaadotaaf+ immoo Giiliyaad irraa jalqabee hamma Sulula* Arnoonitti nan kenne. Walakkaan sululichaas daangaa isaa ture. Kana malees hamma Yaaboq, jechuunis hamma sulula daangaa Amoonotaa taʼe sanaatti,
-
-
Keessa Deebii 28:63Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
63 “Yihowaan akkuma yeroo tokko badhaadhota isin gochuu fi isin baayʼisuutti gammadee ture, Yihowaan isin balleessuu fi isin fixuuttis ni gammada; isinis biyya dhaaluuf jettan irraa ni buqqifamtu.
-
-
Iyyaasuu 13:8-12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
8 Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kennetti, Ruubenonnii fi Gaadonni gosa walakkaa isa hafee wajjin dhaala isaanii isa Museen Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isaaniif kenne fudhataniiru:+ 9 Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa* Medebaa hamma Diboonitti; 10 magaalota Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa taaʼee bulchaa ture sanaa hundumaa hamma daangaa Amoonotaatti;+ 11 dabalataanis Giiliyaad, naannoo Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaa,+ akkasumas guutummaa Gaara Hermoonii fi guutummaa Baashaan+ hamma Saalekaatti;+ 12 guutummaa bulchiinsa mootii Oog isa Baashaan keessatti argamuu fi Ashtaarotii fi Edraay keessatti bulchaa ture sanaa. (Inni namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa isa tokko ture.) Museen moʼee isaan ariʼee ture.+
-