-
2 Seenaa Baraa 25:1-4Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Amaaziyaan yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadaan yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 2 Amaaziyaan garaa isaa guutuudhaan taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate. 3 Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+ 4 Haa taʼu malee, wanta Seericha keessatti, jechuunis kitaaba Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffame keessatti ajaja Yihowaan kennee wajjin haala wal simuun inni ilmaan isaanii hin ajjeesne.+
-