-
2 Mootota 14:1-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yoʼaas+ Ilmi Yehoʼahaaz mootii Israaʼel mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, Amaaziyaan ilmi Yoʼaas mootii Yihudaa mootii ni taʼe. 2 Inni yeroo mootii taʼetti umuriin isaa waggaa 25 ture; Yerusaalem keessa taaʼees waggaa 29f ni bulche. Maqaan haadha isaa Yehoʼaadin yeroo taʼu, ishiin nama Yerusaalem turte.+ 3 Amaaziyaan akka abbaa isaa Daawit taʼuu baatus, wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate.+ Inni wanta hunda akkuma abbaan isaa Yoʼaas raawwatetti ni raawwate.+ 4 Haa taʼu malee, iddoowwan ol kaʼoon hin balleeffamne turan;+ namoonnis amma iyyuu iddoowwan ol kaʼoo irratti aarsaa fi aarsaa aarfamu ni dhiheessu turan.+ 5 Mootummichi isa jalatti akkuma isaaf jabaateen, tajaajiltoota isaa warra abbaa isaa mooticha ajjeesan ni ajjeese.+ 6 Haa taʼu malee, ajaja Yihowaa isa kitaaba Seera Musee keessatti, “Abbootiin sababii ijoollee isaaniitiif hin ajjeefamin; ijoolleenis sababii abbootii isaaniitiif hin ajjeefamin; kanaa mannaa, tokkoon tokkoon namaa cubbuu ofii isaatiif haa ajjeefamu” jedhamee barreeffamee wajjin haala wal simuun inni ilmaan warra abbaa isaa ajjeesan sanaa hin ajjeesne.+
-