-
2 Mootota 18:9-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
9 Hisqiyaas Mootichi mootii taʼee waggaa arfaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan+ ilmi Eelaa mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa torbaffaa isaatti, Shaalmaanesar mootiin Asoor gara Samaariyaa dhufee ishiitti marsuu jalqabe.+ 10 Isaanis dhuma waggaa sadaffaatti ishii ni qabatan;+ Hisqiyaas mootii taʼee waggaa jaʼaffaa isaatti, jechuunis Hosheʼaan mootiin Israaʼel mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti Samaariyaan ni qabamte. 11 Achiis mootiin Asoor Israaʼelota boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan, Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa isaan qubachiise.+
-