-
2 Mootota 17:3-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
3 Shaalmaanesar mootiin Asoor isatti dhufe;+ Hosheʼaanis tajaajilaa isaa taʼe; gibiras isaaf kaffaluu jalqabe.+ 4 Haa taʼu malee, Hosheʼaan gara Soo mootii Gibxiitti namoota waan ergeef,+ akkasumas akka waggoottan darbaniitti gibira mootii Asooriif kaffalamu waan hin fidneef, mootiin Asoor Hosheʼaan akka isa irratti mariʼate ni hubate. Kanaafuu, mootiin Asoor qabee hidhee mana hidhaatti isa galche.
5 Mootiin Asoor guutummaa biyyattii ni weerare; gara Samaariyaa dhufees waggaa sadiif ishiitti marse. 6 Hosheʼaan mootii taʼee waggaa saglaffaa isaatti, mootiin Asoor Samaariyaa ni qabate.+ Achiis inni namoota Israaʼel boojiʼee+ gara Asooritti geessuudhaan Haalaa fi Haaboor isa laga Goozaan+ bira jiru keessa, akkasumas magaalota Meedon keessa qubachiise.+
-