LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 21:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Minaaseen, Yihudaan wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe raawwatee cubbuu akka hojjetu gochuudhaan cubbuu hojjeteen alattis, Yerusaalem fiixee gar tokkoo jalqabee hamma fiixee gara isa kaaniitti dhiigaan hamma guutamtutti, dhiiga namoota qulqulluu hedduu dhangalaaseera.+

  • 2 Mootota 23:26
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 26 Haa taʼu malee, wantoota hamoo Minaaseen isa dheekkamsiisuuf raawwate hundumaatiin kan kaʼe, Yihowaan aarii isaa isa Yihudaa irratti bobaʼe irraa hin deebine ture.+

  • 2 Seenaa Baraa 33:11-13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 11 Kanaafuu, Yihowaan ajajjoota raayyaa waraanaa mootii Asoor isaanitti fide; isaanis Minaasee hookkoodhaan qabanii,* hidhaa sibiila diimaa lamaanis hidhanii gara Baabilonitti isa geessan. 12 Innis yeroo dhiphatetti, isa biratti fudhatama argachuuf Waaqa isaa Yihowaa ni kadhate; Waaqa abbootii isaa durattis akka malee gad of ni qabe. 13 Irra deddeebiʼees Waaqayyoon ni kadhate; Waaqayyos kadhannaa isaa fi wawwaannaa inni fudhatama argachuuf dhiheesse dhagaʼee gara Yerusaalemitti, gara mootummaa isaatti isa deebise.+ Achiis Minaaseen Yihowaan Waaqa dhugaa taʼuu isaa ni beeke.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi