-
2 Seenaa Baraa 33:22, 23Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
22 Innis akkuma abbaan isaa Minaaseen godhe, wanta Yihowaa duratti hamaa taʼe ni raawwate;+ Amoon fakkiiwwan bocaman warra abbaan isaa Minaaseen hojjetee+ ture hundumaatiif aarsaa ni dhiheesse; isaaniinis ni tajaajile. 23 Haa taʼu malee, akka abbaan isaa Minaaseen gad of qabetti,+ inni Yihowaa duratti gad of hin qabne;+ kanaa mannaa, Amoon yakka isaa akka malee ni baayʼise.
-