12 Wanta jibbisiisaa raawwataniif qaaniin isaanitti dhagaʼamaa?
Matumaa qaaniin isaanitti hin dhagaʼamu!
Isaan wanta saalfii jedhamu iyyuu hin beekan!+
Kanaafuu, isaan warra kufan gidduutti ni kukkufu.
Yommuun adaba isaanitti fidus ni gufatu’+ jedha Yihowaan.