34 Yosiyaas+ yommuu mootii taʼetti umuriin isaa waggaa saddeet ture; inni Yerusaalem keessa taaʼee waggaa 31f ni bulche.+ 2 Inni wanta Yihowaa duratti sirrii taʼe ni raawwate; daandii abbaan isaa Daawit irra deeme irras ni deeme; gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin jalʼanne.