24 Museen guutummaa dubbii Seera kanaa kitaaba tokko irratti barreessee+ akkuma xumureen, 25 Leewwota warra taabota kakuu Yihowaa baatan akkana jedhee ajaje: 26 “Kitaaba Seerichaa+ kana fuudhaatii taabota+ kakuu Waaqa keessan Yihowaa bira kaaʼaa; innis achitti isin irratti ragaa baatuu ni taʼa.