-
Maarqos 8:6-8Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Achiis namoonni sun lafa irra akka tataaʼan ajaje. Sana booda daabboo torban sana fuudhee galateeffatee, caccabsee barattoonni isaa namootaaf akka hiraniif isaanitti kenne; isaanis namoota sanaaf ni hiran.+ 7 Qurxummiiwwan xixinnoo muraasas qabu turan; isaaniinis erga eebbisee booda barattoonni isaa akka hiran itti hime. 8 Isaanis nyaatanii quufan; achiis hambaa irraa hafe guuboo guguddaa torba guutuu walitti qaban.+
-
-
Yohaannis 2:7-9Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Yesuusis, “Gaaniiwwan kanatti bishaan guutaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan hamma afaan isaaniitti bishaan itti guutan. 8 Achiis Yesuus, “Amma buusaatii geggeessaa cidhichaatti kennaa” isaaniin jedhe. Isaanis buusanii itti geessan. 9 Geggeessaan cidhichaa, bishaan isa gara daadhii wayiniitti jijjiirame yommuu dhandhamu (tajaajiltoonni bishaan waraaban sun kana kan beekan taʼus), daadhiin sun eessaa akka dhufe waan hin beekneef misirricha waamee,
-