-
Ermiyaas 19:13Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
13 Manneen Yerusaalemii fi manneen mootota Yihudaas akkuma iddoo kanaa, akkuma Tofeet xuraaʼoo ni taʼu;+ eeyyee, manneen warri isaan baaxiiwwan isaanii irratti raayyaa samii hundumaatiif aarsaawwan itti dhiheessanii+ fi waaqolii kan birootiif aarsaawwan dhugaatii itti dhangalaasan sun akkanuma ni taʼu.’”+
-
-
Sefaaniyaa 1:4, 5Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “Ani Yihudaa irrattii fi
Jiraattota Yerusaalem hundumaa irratti harka koo nan diriirsa,
Iddoo kana irraas hambaa* Baʼaal hundumaa,+
Maqaa luboota waaqa biyya ormaas luboota sanaa wajjin haxaaʼee nan balleessa;+
5 Akkasumas warra baaxii irratti raayyaa samiitiif sagadan,+
Warra utuma Yihowaadhaaf sagadanii, isaaf amanamoo taʼuufis utuma waadaa galanii+
Maalkaamiif amanamoo taʼuuf waadaa galan,+
-