18 Guyyaa sanatti Yihowaan akkana jedhee Abraamii wajjin kakuu gale:+ “Ani laga Gibxiitii jalqabee hamma laga isa guddaatti, jechuunis hamma laga Efraaxisitti,+ biyya kana sanyii keetiif nan kenna;+
21 Solomoonis mootummoota Laga*+ sanaa jalqabee hamma biyya Filisxeemotaatti, akkasumas hamma daangaa biyya Gibxiitti jiran hundumaa irratti ni bulche. Isaanis guutummaa jireenya isaatti Solomooniif gibira fidaa fi isa tajaajilaa turan.+