8 Inni galaanaa hamma galaanaatti,
Lagicha irraa hamma andaara lafaattis namoota isaaf bitaman ni qabaata.+
9 Warri gammoojjii keessa jiraatan isa duratti ni sagadu,
Diinonni isaas biyyoo ni arraabu.+
10 Mootonni Tarshiishii fi mootonni odolawwanii gibira isaaf ni kaffalu.+
Mootonni Sheebaa fi mootonni Seebaa kennaa isaaf ni kennu.+