-
1 Mootota 8:63, 64Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
63 Solomoon loon 22,000 fi hoolota 120,000 Yihowaadhaaf aarsaawwan gamtaa+ godhee ni dhiheesse. Akka kanaan mootichii fi Israaʼelonni hundi mana Yihowaa ni eebbisan.+ 64 Iddoon aarsaa sibiila diimaa+ inni Yihowaa dura jiru xinnoo taʼuu isaatiin kan kaʼe aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma aarsaawwan gamtaa sana qabachuu waan hin dandeenyeef, guyyaa sanatti mootichi aarsaawwan gubaman, aarsaawwan midhaanii fi cooma+ aarsaawwan gamtaa sana achitti dhiheessuuf, gidduu mooraa isa mana Yihowaa dura jiru ni qulqulleesse.
-