-
2 Saamuʼel 13:28Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
28 Achiis Abishaalom akkana jedhee tajaajiltoota isaa ajaje: “Qophaaʼaa eegaa; Amnoon daadhii wayinii dhugee yommuu itti hoʼu, ani, ‘Amnooniin rukutaa!’ isiniin nan jedha. Isinis isa ajjeesaa. Hin sodaatinaa. Kan isin ajaju ana mitii? Jabaadhaa; onnadhaas.”
-
-
2 Saamuʼel 13:37Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
37 Abishaalom garuu baqatee gara Taalmaay+ ilma Amihuud isa mootii Geeshur taʼee dhaqe. Daawitis guyyoota hedduudhaaf ilma isaatiif ni booʼe.
-
-
2 Saamuʼel 15:10Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
10 Yeroo kanatti Abishaalom, “Sagalee xurumbaa akkuma dhageessaniin, ‘Abishaalom Kebroon keessatti mootii taʼeera!’+ jedhaatii labsaa” jedhee gosoota Israaʼel hundumaa gidduutti basaastota erge.
-
-
2 Saamuʼel 18:14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Yeroo kanatti Yoʼaab, “Ani kana caalaa sii wajjin yeroo hin gubu!” isaan jedhe. Kanaafuu, inni xiyya* sadii harka isaatti qabatee Abishaalom muka guddaa sana irratti rarraʼee utuu lubbuudhaan jiruu onnee isaa keessa baase.
-