-
Faarfannaa 105:7-11Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Inni Waaqa keenya Yihowaa dha.+
Murtiiwwan isaas guutummaa lafaa irratti ni mulʼatu.+
8 Inni kakuu isaa bara baraaf,
Waadaa gales* dhaloota kumaaf ni yaadata;+
9 Inni kakuu Abrahaamii wajjin gale,+
Kakaa Yisihaaqiif kakates ni yaadata;+
10 Isa Yaaqoobiif labsii godhee,
Israaʼeliifis kakuu dhaabbataa godhee hundeesse ni yaadata;
11 Inni, “Ani biyya Kanaʼaan
Dhaala siif ramadame godhee siif nan kenna” jedheera.+
-