-
1 Mootota 9:17-19Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Solomoonis Geezerii fi Beet Hooron+ Ishii Gadii ni ijaare;* 18 Baʼaalaatii+ fi Taamaar ishii biyyattii keessa lafa onaa keessatti argamtu, 19 akkasumas, magaalota Solomoon miʼa itti kuusu hundumaa, magaalota gaarii fardaa,+ magaalota abbootii fardeenii fi wanta Solomoon Yerusaalem, Libaanonii fi guutummaa biyya bulchiinsa isaa jala jiru keessatti ijaaruu barbaade hundumaa ni ijaare.
-