-
2 Mootota 12:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Maallaqa lakkaaʼame sanas warra hojii mana Yihowaatti hojjetamaa jiru irratti muudamanitti kennu turan. Isaan immoo warra mana Yihowaatti anaaxota taʼanii fi hojii ijaarsaa hojjetaniif ni kaffalu turan;+ 12 warra dhagaadhaan ijaaranii fi warra dhagaa bocaniifis ni kaffalu turan. Kana malees, isaan maallaqicha mana Yihowaa isa miidhame sana haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota soofaman bituuf, akkasumas baasii manicha haaressuuf barbaachisu kaan hundaaf itti fayyadamu turan.
-