-
2 Mootota 22:4-6Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
4 “Gara Hilqiyaa+ isa luba ol aanaa taʼe sanaatti ol baʼiitii, maallaqa isa gara mana Yihowaatti fidame isa karra eegdonni sabicha irraa walitti qaban+ hunda akka walitti qabu godhi.+ 5 Isaan maallaqicha namoota hojii mana Yihowaa keessatti hojjetamu irratti muudamaniif haa kennan; isaan immoo hojjettoota mana Yihowaa keessatti hojjetan warra manicha bakka miidhame* haaressaniif,+ 6 jechuunis warra ogummaa harkaa qabaniif, ijaartotaa fi warra dhagaadhaan ijaaraniif ni kennu; isaanis manicha haaressuuf saanqaawwanii fi dhagoota bocaman bituuf itti haa fayyadaman.+
-
-
2 Seenaa Baraa 24:12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Achiis mootichii fi Yehoyaadaan maallaqicha warra ol aantummaadhaan hojii tajaajilaa mana Yihowaa keessatti hojjetamu toʼatanitti ni kennu turan; isaan immoo warra mana Yihowaa haaressuuf dhagaa bocanii fi ogummaa harkaa qaban, akkasumas warra mana Yihowaa haaressuuf hojii sibiilaa fi hojii sibiila diimaa hojjetan ni mindeessu turan.+
-