-
1 Mootota 7:48-50Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
48 Solomoon mana Yihowaatiif miʼawwan kana hundumaa ni hojjete: iddoo aarsaa+ warqii, minjaala+ warqii daabboon ilaalchaa* irra kaaʼamu, 49 baattuuwwan ibsaa+ warqii qulqulluu irraa tolfamanii kutaa isa keessaa fuuldura gara mirgaa shan gara bitaas shan godhamanii kaaʼaman, akkasumas abaaboowwan,+ ibsaawwanii fi qabduuwwan warqii irraa tolfaman,+ 50 saaniiwwan, dhaamsituuwwan ibsaa,+ saaniiwwan golboo, xoofoowwanii+ fi qodaawwan ibiddaa+ sana warqii qulqulluu irraa ni hojjete; qabsiistuuwwan balbaloota mana isa keessaa,+ jechuunis balbaloota Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼee fi qabsiistuuwwan balbaloota mana qulqullummaa+ warqii irraa ni hojjete.
-