- 
	                        
            
            Ermiyaas 26:20, 21Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
20 “Namni maqaa Yihowaatiin raajii dubbate kan biraanis jira ture; innis Uuriyaa ilma Shemaayaa isa Qiriyaat Yeʼariimii+ dhufe yeroo taʼu, inni magaalaa kanaa fi biyya kana irratti raajii isa Ermiyaas dubbatee wajjin wal fakkaatu dubbateera. 21 Yehoyaaqiim+ mootichi, namoonni isaa warri jajjaboon hundii fi bulchitoonni isaa hundi wanta inni dubbate ni dhagaʼan; mootichis isa ajjeesuu barbaade.+ Uuriyaanis akkuma kana dhagaʼeen sodaatee gara Gibxiitti baqate.
 
 - 
                                        
 
- 
	                        
            
            Ermiyaas 36:32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
32 Achiis Ermiyaas maraa kitaabaa kan biraa fuudhee Baaruk ilma Neriyaa isa barreessaa taʼe sanatti kenne;+ innis dubbii maraa kitaabaa* isa Yehoyaaqiim mootiin Yihudaa ibiddaan gube+ sana irra ture hundumaa utuma Ermiyaas afaaniin isatti himuu ni barreesse. Dubbiin akkanaa hedduunis itti dabalamee ture.
 
 -