-
Ermiyaas 27:17, 18Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
17 Isaan hin dhagaʼinaa. Mootii Baabilon tajaajilaa, lubbuudhaanis ni jiraattu.+ Magaalaan kun ona akka taatu maaliif gootu? 18 Haa taʼu malee, isaan raajota yoo taʼanii fi dubbiin Yihowaa isaan bira jira yoo taʼe, maaloo isaan miʼawwan mana Yihowaa keessatti, mana* mootii Yihudaa keessattii fi Yerusaalem keessatti hafan gara Baabilonitti akka hin fudhatamne Yihowaa Gooftaa Raayyaa haa kadhatan.’
-