- 
	                        
            
            2 Seenaa Baraa 7:12-14Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
 - 
                            
- 
                                        
12 Achiis Yihowaan halkaniin Solomoonitti mulʼatee+ akkana isaan jedhe: “Kadhannaa kee dhagaʼeera; mana aarsaan itti dhihaatu akka taʼuufis iddoo kana ofii kootiif filadheera.+ 13 Ani samii yoon cufee fi bokkaan roobuu yoo dide, biyyattii akka nyaatuuf kuruphisa yoon ajajee fi saba koo gidduutti golfaa yoon erge, 14 sabni koo warri maqaa kootiin waamaman+ yoo gad of qaban,+ kadhannaa yoo dhiheessan, fuula koo yoo barbaaddatanii fi daandii isaanii isa hamaa irraa yoo deebiʼan,+ ani samii keessaa isaan nan dhagaʼa; cubbuu isaanii isaaniif nan dhiisa; biyya isaaniis nan fayyisa.+
 
 -