-
1 Mootota 8:33, 34Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
33 “Sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ gara keetti deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti yoo kadhannaa dhiheessanii fi fudhatama argachuuf yoo si kadhatan,+ 34 ati samii keessaa dhagaʼiitii cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
-