-
2 Mootota 19:19, 20Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
19 Amma garuu yaa Waaqa keenya Yihowaa, mootummoonni lafa irraa hundi ati qofti Waaqa taʼuu kee akka beekaniif, maaloo yaa Yihowaa, harka isaa jalaa nu oolchi.”+
20 Achiis Isaayyaas ilmi Amooz akkana jedhee Hisqiyaasitti ergaa erge: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Senaaheriib mootii Asooriin ilaalchisee+ kadhannaa ati gara kootti dhiheessite dhagaʼeera.+
-
-
2 Seenaa Baraa 6:24, 25Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
24 “Akkasumas, sabni kee Israaʼel irra deddeebiʼanii si irratti cubbuu hojjechuu isaaniitiin kan kaʼe diinota isaaniitiin yommuu moʼamanitti,+ deebiʼanii maqaa keetiif ulfina yoo kennan,+ mana kana keessatti si duratti yoo kadhannaa dhiheessanii+ fi fudhatama argachuuf yoo kadhatan,+ 25 ati samii keessaa dhagaʼiitii+ cubbuu sabni kee Israaʼel hojjeteef dhiifama godhi; gara biyya isaanii fi abbootii isaaniitiif kennitettis isaan deebisi.+
-