-
1 Seenaa Baraa 25:7Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
7 Isaanii fi obboloonni isaanii warri Yihowaa faarfachuuf leenjii argatan, jechuunis warri gama kanaan dandeettii guddaa qaban walumaa galatti lakkoofsi isaanii 288 ture.
-
-
2 Seenaa Baraa 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼan (sababiin isaas, luboonni achitti argaman hundi gareen isaanii maal iyyuu yoo taʼe,+ of qulqulleessanii turan),+ 12 faarfattoonni Leewwotaa+ warri kan Asaaf,+ kan Hemaan,+ kan Yedutuun,+ akkasumas kan ilmaan isaanii fi kan obboloota isaanii taʼan hundi huccuu baʼeessa uffatanii, siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa qabatanii turan; isaan iddoo aarsaa irraa gara bahaatti dhaabbatanii turan; isaanii wajjinis luboonni malakata afuufan 120ni jiru turan.+
-