8 Kanaafuu, dheekkamsi Yihowaa Yihudaa fi Yerusaalem irratti ni dhufe;+ kanaan kan kaʼes, akkuma amma ija keessaniin argitanitti inni naasuu fi ajaaʼibsiifannaadhaaf akka taʼan, akkasumas kan itti siiqsamu* akka taʼan isaan godheera.+
12 Ati badiisa guddaa nu irratti fiduudhaan wanta akka nu irrattii fi bulchitoota keenya warra nu bulchaa turan* irratti akka fiddu dubbatte sana raawwatteetta;+ wanti Yerusaalem keessatti raawwatame guutummaa samii jalatti raawwatamee hin beeku.+