LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 6:31, 32
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 31 Kanneen kun Taabotichi achi akka taaʼuuf erga dhufee booda warra Daawit faarfannaa mana Yihowaa keessatti faarfatamu akka geggeessaniif muude turan.+ 32 Isaan hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana Yihowaa ijaaretti,+ faarfannaa godoo qulqulluu dunkaana walgaʼii keessatti faarfatamuuf itti gaafatamummaa qabu turan; tajaajila isaaniis akkuma ajaja isaaniif kennametti raawwatu turan.+

  • 1 Seenaa Baraa 15:16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 16 Achiis Daawit ajajjoonni Leewwotaa obboloota isaanii warra faarfattoota taʼan, meeshaawwan muuziqaatti, jechuunis meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanitti, baganaattii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii gammachuudhaan akka faarfatan akka muudan isaanitti hime.

  • 1 Seenaa Baraa 16:37
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 37 Achiis Daawit akka barsiifata guyyaa guyyaadhaan turetti+ yeroo hunda Taaboticha duratti akka tajaajilaniif,+ Asaafii+ fi obboloota isaa achuma taabota kakuu Yihowaa duratti dhiise.

  • 1 Seenaa Baraa 16:42
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 42 Hemaanii+ fi Yedutuun malakata, siimbaalii fi meeshaawwan muuziqaa Waaqa dhugaa jajachuuf* gargaaran kaan taphachuuf isaanii wajjin jiru turan; ilmaan Yedutuun+ immoo karricha bira turan.

  • 1 Seenaa Baraa 25:1
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 25 Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera:

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi