-
1 Seenaa Baraa 6:31, 32Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
31 Kanneen kun Taabotichi achi akka taaʼuuf erga dhufee booda warra Daawit faarfannaa mana Yihowaa keessatti faarfatamu akka geggeessaniif muude turan.+ 32 Isaan hamma Solomoon Yerusaalem keessatti mana Yihowaa ijaaretti,+ faarfannaa godoo qulqulluu dunkaana walgaʼii keessatti faarfatamuuf itti gaafatamummaa qabu turan; tajaajila isaaniis akkuma ajaja isaaniif kennametti raawwatu turan.+
-
-
1 Seenaa Baraa 25:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
25 Kana malees Daawitii fi ajajjoonni gareewwan tajaajilaa, baganaa, meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii+ fi siimbaaliitti+ fayyadamanii raajii dubbachuudhaan akka tajaajilaniif ilmaan Asaaf, ilmaan Hemaanii fi ilmaan Yedutuun+ keessaa tokko tokko adda ni baasan. Maqaan namoota tajaajila kanaaf itti gaafatamummaa qabanii kanaa gaditti tarreeffameera:
-