-
1 Seenaa Baraa 16:41, 42Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
41 Hemaanii fi Yedutuun,+ akkasumas namoonni filatamoon warri maqaa dhaʼamanii filataman kaan Yihowaa galateeffachuuf isaanii wajjin turan;+ sababiin isaas, “jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata”;+ 42 Hemaanii+ fi Yedutuun malakata, siimbaalii fi meeshaawwan muuziqaa Waaqa dhugaa jajachuuf* gargaaran kaan taphachuuf isaanii wajjin jiru turan; ilmaan Yedutuun+ immoo karricha bira turan.
-
-
2 Seenaa Baraa 5:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Yommuu luboonni iddoo qulqulluu sanaa gad baʼan (sababiin isaas, luboonni achitti argaman hundi gareen isaanii maal iyyuu yoo taʼe,+ of qulqulleessanii turan),+ 12 faarfattoonni Leewwotaa+ warri kan Asaaf,+ kan Hemaan,+ kan Yedutuun,+ akkasumas kan ilmaan isaanii fi kan obboloota isaanii taʼan hundi huccuu baʼeessa uffatanii, siimbaalii,* meeshaawwan muuziqaa ribuu qabanii fi baganaa qabatanii turan; isaan iddoo aarsaa irraa gara bahaatti dhaabbatanii turan; isaanii wajjinis luboonni malakata afuufan 120ni jiru turan.+
-
-
2 Seenaa Baraa 35:15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
15 Faarfattoonni warri ilmaan Asaaf+ taʼan, ajaja Daawit,+ Asaaf,+ Hemaanii fi Yedutuun+ inni mootichaaf mulʼata argu kennan hordofuudhaan iddoo iddoo isaanii qabatanii jiru turan; karra eegdonnis karrawwan adda addaa irra jiru turan.+ Obboloota isaanii kan taʼan Leewwonni qophii waan isaaniif godhaniif, tajaajila isaanii dhiisanii deemuun isaan hin barbaachisu ture.
-