2 Inni Mana Bosona Libaanon+ jedhamuu fi dheerinni isaa dhundhuma 100, dalgi isaa dhundhuma 50, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma 30 taʼe utubaawwan gaattiraa tarree afuriin dhaabamaniin ni ijaare; baattuuwwan muka gaattiraas+ utubaawwan sana irra kaaʼamanii turan.