-
2 Seenaa Baraa 34:26, 27Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
26 Mootii Yihudaa isa Yihowaa akka gaafattan isin erge sanaan garuu akkana jedhaa: “Yihowaan Waaqni Israaʼel akkana jedha: ‘Wanta dhageesse sana ilaalchisee,+ 27 wanta inni iddoo kanaa fi jiraattota ishii irratti dubbate dhageessee garaan kee waan tuqameef,* Waaqayyo duratti waan gad of qabdeef, na duratti gad of qabdee uffata kee waan tarsaasteef, akkasumas na duratti waan boosseef, anis si dhagaʼeera+ jedha Yihowaan.
-