23 Seenaan Aasaa inni hafe hundi, jabinni isaa hundii fi wanti inni godhe hundi, magaalonni inni ijaares kitaaba seenaa waaʼee bara mootota Yihudaa dubbatu keessatti barreeffameera mitii? Bara dulluma isaatti garuu Aasaan dhukkuba miilaatiin baayʼee rakkata ture.+