-
Baʼuu 38:1, 2Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
38 Inni muka laaftoo irraa iddoo aarsaa aarsaan gubamu irratti dhihaatu ni ijaare. Iddoon aarsaa sun dheerinni isaa dhundhuma* shan, dalgi isaa dhundhuma shan, ol dheerinni isaa immoo dhundhuma sadii taʼee rogni isaa arfan wal qixa ture.+ 2 Achiis golee isaa arfan irratti gaanfota ni tolche. Gaanfonni isaas iddoo aarsaa sanaa wajjin qaama tokko turan. Iddoo aarsaa sanas sibiila diimaadhaan ni uwwise.+
-