LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 2 Mootota 11:13-16
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ataaliyaanis namoonni yeroo fiigan yommuu dhageessu, yeruma sana gara namoota mana Yihowaatti argaman sanaa dhufte.+ 14 Achiis akkuma barsiifata yeroo sanaatti mootichi utubaa sana bira dhaabbatee isa argite.+ Ajajjoonnii fi warri malakata afuufan+ mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa fi malakata afuufaa turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. 15 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa+ warra raayyaa waraanaa irratti muudamaniin, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” jedhee ajaje. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture. 16 Kanaafuu, isaan ishii ni qaban; ishiinis yommuu bakka fardeen mana mootichaatti+ itti galan bira geessu achitti ni ajjeefamte.

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi