-
2 Seenaa Baraa 23:12-15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
12 Ataaliyaanis namoonni yeroo fiiganii fi mooticha yeroo jajatan yommuu dhageessu, yeruma sana gara namoota mana Yihowaatti argaman sanaa dhufte.+ 13 Achiis mootichi utubaa isaa isa karricha biratti argamu bira dhaabbatee isa argite. Bulchitoonnii+ fi warri malakata afuufan mootichaa wajjin turan; namoonni biyyattii hundis gammadaa+ fi malakata afuufaa turan; faarfattoonni meeshaawwan muuziqaa qabatanis faarfannaawwan sana geggeessaa* turan. Yeroo kanatti Ataaliyaan uffata ishii tarsaastee, “Kun daba dha! Kun daba dha!” jettee iyyite. 14 Haa taʼu malee, Yehoyaadaan lubichi ajajjoota dhibbaa warra raayyaa waraanaa irratti muudaman gad baasee, “Tarree sana gidduudhaa ishii baasaa; eenyu iyyuu yoo ishii duukaa buʼe, goraadeedhaan isa ajjeesaa!” isaaniin jedhe. Lubichi, “Mana Yihowaa keessatti ishii hin ajjeesinaa” jedhee ture. 15 Kanaafuu, isaan ishii ni qaban; yommuu ishiin Karra Fardaa isa mana mootichaatti itti galan bira geessus yeruma sana achitti ishii ajjeesan.
-