-
Iyyaasuu 15:11, 12Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
11 Daangaan sun karaa kaabaatiin irraan gadee Eqroon+ bira ni gaʼa; achiis Shikeroonitti mallattoon itti godhamee, Gaara Baʼaalaa bira erga darbee booda Yaabneʼel bira ni gaʼa; achiis galaanicha biratti dhaabbata.
12 Daangaan karaa dhihaa Galaana Guddaa*+ fi qarqara isaa ti. Daangaan sanyii Yihudaa akka maatii maatii isaaniitti kallattii hundumaatiin kana ture.
-