LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • Leewwota 4:3
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 3 “‘Lubni dibame+ tokko cubbuu hojjechuudhaan+ sabicha irratti yakka yoo fide, cubbuu hojjete sanaaf aarsaa cubbuu godhee jibicha mudaa hin qabne Yihowaadhaaf haa dhiheessu.+

  • Leewwota 4:13, 14
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 “‘Guutummaan yaaʼii Israaʼel utuu itti hin yaadin cubbuu hojjechuudhaan yakka yoo ofitti fidee+ fi gumichi garuu wanta Yihowaan akka hin raawwanne isaan ajaje raawwachuu isaanii yoo hubachuu baate,+ 14 boodas cubbuun sun yoo beekame, gumichi aarsaa cubbuutiif jibicha tokko dhiheessee dunkaana walgaʼii duratti isa haa fidu.

  • Lakkoofsa 15:22-24
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 22 “‘Isin dogoggora yoo raawwattanii fi ajajawwan Yihowaan Museetti dubbate kana hundumaa, 23 jechuunis ajajawwan Yihowaan karaa Musee kenne hundumaa warra guyyaa Yihowaan ajaja itti kenne irraa jalqabee guutummaa dhaloota keessanii keessatti itti fufan yoo eeguu baattan, 24 kunis kan raawwatame dogoggoraan yoo taʼee fi yaaʼichi kana hin beekne yoo taʼe, guutummaan yaaʼichaa aarsaa gubamuu fi urgaan isaa Yihowaa gammachiisu* godhee jibicha tokko haa dhiheessu; isaa wajjinis akkuma yeroo hundumaa godhamutti+ aarsaa midhaanii isaa fi aarsaa dhugaatii isaa haa dhiheessu; aarsaa cubbuutiif akka taʼutti immoo xobbaallaa reʼee tokko haa dhiheessu.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi