LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • 1 Seenaa Baraa 23:13
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 13 Ilmaan Amraam Aaronii+ fi Musee+ turan. Haa taʼu malee, Aaron, innii fi ilmaan isaa Kutaa Hundumaa Caalaa Qulqulluu Taʼe akka qulqulleessaniif, Yihowaa duratti aarsaawwan akka dhiheessaniif, akka isa tajaajilanii fi yeroo hunda maqaa isaatiin uummaticha akka eebbisaniif,+ yeroo hundumaatiif adda baafamanii turan.+

  • 1 Seenaa Baraa 23:27-30
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
    • 27 Akka ajaja isa dhumaa Daawit kennettis, Leewwonni umuriin isaanii waggaa 20 fi isaa ol taʼe ni lakkaaʼaman. 28 Hojiin isaaniis mooraawwan+ sana irratti, kutaawwan nyaataa irratti, wanta qulqulluu taʼe hunda qulqulleessuu irrattii fi hojii tajaajila mana Waaqa dhugaa keessatti barbaachisu kam iyyuu irratti itti gaafatamummaa fudhatanii tajaajila mana Yihowaa keessatti raawwatamu irratti ilmaan Aaron+ gargaaruu ture. 29 Daabboo wal irra tuulamu,*+ daakuu bullaaʼaa aarsaa midhaaniitiif taʼu, maxinnoo haphii,+ bixxillee eelee irratti tolfamuu fi bukoo zayitiin itti makame+ qopheessuu, akkasumas baayʼinaa fi guddina wantoota garaa garaa wajjin wal qabatan safaruu irratti isaan gargaaru turan. 30 Isaan Yihowaa galateeffachuu fi jajachuuf ganama ganamaa+ fi galgala galgala ni dhaabbatu turan.+

Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
Baʼi
Gali
  • Afaan Oromoo
  • Ergi
  • Filannoowwan
  • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
  • Walii Galtee
  • Imaammata Mateenyaa
  • Filannaa Dhuunfaa
  • JW.ORG
  • Gali
Ergi