10Qiiros+ mootiin Faarsi mootii taʼee waggaa sadaffaa isaatti, mulʼanni tokko gara Daaniʼel isa Belteshaazaar+ jedhamee waamamuutti ni dhufe; ergaan sun dhugaa dha; waaʼee waraana guddaa tokkoo kan ibsu ture. Inni ergaa sana hubatee ture; wanta arge sana ilaalchisee hubannaan isaaf ni kenname.