-
Izraa 6:1Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
6 Yeroo kanatti Daariyos Mootichi ajaja ni kenne; isaanis kuusaawwan* Baabilon keessa bakka qabeenyi itti walitti qabame keessatti argaman irratti qorannaa ni godhan.
-
-
Haagee 1:14, 15Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
14 Kanaafuu, Yihowaan hafuura Zarubaabel ilma Saalaatiʼel bulchaa Yihudaa,+ hafuura Iyyaasuu+ ilma Yehozaadaaq luba ol aanaa, hafuura namoota kaan hundumaas ni kakaase;+ isaanis dhufanii mana Waaqa isaanii Yihowaa Gooftaa Raayyaa ijaaruu jalqaban.+ 15 Kun kan taʼe Daariyos mootii taʼee waggaa lammaffaa isaatti, jiʼa jaʼaffaatti, jiʼicha keessaas guyyaa 24ffaatti ture.+
-