-
Leewwota 22:2, 3Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
-
-
2 “Wantoota qulqulluu Israaʼelonni fidan akkaataa itti qaban irratti of eeggannoo akka godhan,* akkasumas wantoota anaaf qulqulleessanii wajjin haala wal qabateen+ maqaa koo isa qulqulluu akka hin xureessine+ Aaronii fi ilmaan isaatti himi. Ani Yihowaa dha. 3 Akkana isaaniin jedhi: ‘Guutummaa dhaloota keessanii keessatti sanyii keessan keessaa namni utuu xuraaʼee jiruu gara wantoota qulqulluu Israaʼelonni Yihowaadhaaf qulqulleessaniitti dhihaatu kam iyyuu ana duraa ni balleeffama.*+ Ani Yihowaa dha.
-